How to make your dreams come true
EEYYEN! ANIS ABJUUN QABA!
➥ Wanti ati kun “hin danda’amu baay’ee ulfaataadha” jettu caaladhumattiyyuu sitti ulfaata. Faallaa kanaa wanta ulfaatu kamuu kutannoodhaan itti deemnaan baay’ee salphaadha.
↪️ Injifannoon kee harka kee keessa jira. Abjuun kees hiika qaba. Waan abjootte immoo hiika itti kennuuf ammuma irraa dhama’i! Dhamaatii fi milkaa’inni kee hiika abjuu keeti.
➨ Abjuu kee of keessatti awwaaltee hafta taanaan ati ofiifuu hin taatu. Osoo ofiif hin taane namaaf ta’uun hin jiru waan ta’eef. Ofiif yoo taate kaaniif taata.
↪️ Jalqabni Milkaa’ina kee garuu anaa miti, isaa miti, ishee miti, isaan miti, nu’is miti, si’uma si’i mataa keeti. SITU SIIF HIIKA QABA. Hiika ofiif kenni namaa gaditti of hin ilaalin, namni ati ofii ol gootu hundinuu akkuma kee ji’a 9 tti dhalatee yeroo sana Maaliin si caala ture mee? Nuti hundinuu yeroo dirra lafaa kanatti dhufnu homaanuu wal hin caallu. Eegas booda namni akkaataa tattaaffii isaatiiniif akkaataa ilaalcha isaatiin wal caaluu jalqaba malee.
➨ Kanaaf gabaabamatti wanti jechuu barbaadu, ilma namaa kana hundaaf yeroon wal qixa kenname. Siifi diina keetiifis wal qixa kenname, akkasumas atiif nama ati ofii olitti ilaaltuufis waluma qixa kenname.
↪️ Diina ofiitii gadi ta’anii diina ofiitti hajamuu caala wanti nama jibbisiisuu fi hamilee nama buusu hin jiru.
Kanaaf teessee diina keetii gaditti ofi hin yaadiniitii yeroo walqixa siif kennamte kana isaa olitti fayyadamuuf yaali yoos caaluu dandeessaati.
MUL’ATA MILKAA’AA QABAACHUU
➬ Warri mul’ata isaanii milkeeffachuu dadhaban; mul’ata kee akka sin gachisiifne of eeggadhu! Sababa warra gatii kaffalanii mul’ata isaanii milkeeffachuu sodaataniif; ati karaa kee irraa maquu hin qabdu! Abdii kan si kutachiisan maatii kee fi hiriyoota kee dabalateeti malee diinota kee fi warra si jibban qofa miti.
➬ Waan waaqayyoo sitti agarsiise murteessi! Mul’ata kee cinaa dhaabadhu! Waan baramaa fi waan rakasa ta’e barbaaduu dhiisi!
➬ Namoonni baay’een mul’ataa fi hojiif osoo hin taanee; yaada (comment) kennuuf qofa yeroo kamiyyuu qophaa’oo akka ta’an ni mul’ata! Yaadni namoota si jibbanii, karaa gara milkaa’ina keetti si geessu irraa si dhaabuu akka hin dandeenye beeki!
➬ Milkaa’inni namoota biroo gonkumaa mul’ata kee ta’uu akka hin dandeenye amani!
Mul’ata kee osoo hin taane yaada namootaa hordoftee kan fiigdu yoo taate durumayyuu ati nama ofii kee hin turre jechuu dha.
➬ Namni kamiyyuu yaada qabaachuu danda’a. Ani garuu yaada kennameef jedhee isa kanas isa sanas waliin hin maku.
Namoonni si jibban abdii si kutachiisuuf kan tattaaffatan maaliif sitti fakkaata?
➥ Mul’ata isaa milkeeffata jedhanii waan sodaataniif dha.
Diinni isaanii milkaa’ina keeti malee si miti. Yoo isaaf milkaa’eef barbaadamummaan keenya ni jiraata jedhanii yaadda’u. Yoo siif milkaa’e boddeetti kan hafan; bu’aa keetiin waan gufatan itti fakkaata.
MAALIREE?
➱ Namoota akkasii dhaggeeffachuuf gurra yoo kenniteef gara sadarkaa isaaniitti akka si buusan heeyyamtaaf! Namoonni hundi yaada qabu. Keessumaa namoonni mul’ata hin qabne yaadota gaggaaridhaan kan guutamaniidha.
➱ Hin ta’u jedhamuu hin jibbin; mul’ata kee gonkumaa namoota si jibbanitti dabarsitee hin kennin! Kaayyoo jireenya isaanii milkeessuu warra dhadhabaniif laphee kee hin banin! Sagalee si keessa jiru dhaggeeffadhu!
➱ Sagalee waaqayyoo dhaggeeffadhu! Namoota si jibban si caala milkaa’efii argitee beektaa? Kan isaaniif milkaa’u jibba isaanii qofadha.
Yoo isaaniif milkaa’ellee ni kassaru malee si hin ajaa’ibsiifatan!
➱ Jibbi firii malee ulfeeffamee gadameessa malee summii dhalatu akka ta’e namoota irraa dhaga’eera.
Namoota siin falman dhiisi! Ati garuu hojii kee calluma jedhii ittuma fufii hojjedhu!
➱ Maal jedhe jedhi galaanichi akka waan darbee fi gab yeroo jedhan ni argita. Namoonni si jibban dhugaa si jibbanii miti
kan jibban ofii isaaniidha.
Sababiin isaas ati isa isaan ta’uu barbaadan waan taateefi dha.
➱ Tokko tokkoon namoota milkaa’ota ta’anii diinonni irratti wal ga’u. Warri itti caale immoo gurmaa’anii buna dhuganii hammeenya kuusatanii sitti dhufuutii hin sodaatin!
Hammeenyi isaanii yommuu dhumu ni bittinnaa’u.
➱ Jibbi gamoo dhaabbataa ta’e hin qabu. Asiif achitti kan dhaabamu dunkaana urataa ta’e dha. Bara jireenya kootii hunda jibba qabaatee namni milkaa’e raawwatee na mudatee hin beeku.
Milkaa’inni DNA warra kaan jibbuu fi tuffatu hin qabu.
Diinota qabdaa? Gaariidha. Kana jechuun yeroo ta’etti jireenya keef waan ta’e tokkoof ejjennoo jabaa fudhatteerta jechuudha.
➱ Moo’attoonni xiyyeeffannoon isaanii moo’achuu irradha.
➱ Moo’amtonni xiyyeeffannoon isaanii moo’attoota irradha.
Adda addummaan isaa as irrattidha.
Kanaafuu Ija kee kaayyoo kee fi mul’ata kee irra qofa kaa’i!
Yeroo sana eegumsi waaqayyoo si wajjin itti fufa!
Sababni isaas ka’uumsa gaarii keessa jibba, inaaftummaanii fi tuffiin hin jiru waan ta’eef.
➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!