NYAATAA FI DHUGAATII

Strive for intellectual prosperity! Wealth is better than wealth; strive for wealth

Situations will be easier for your reception. You stop stressing yourself out. You’ll be happy with whatever you’ve got, whatever you’ve done.

You learn that every past event in your life is a lesson, an understanding, and a pillar for your strength today. You control yourself. It strengthens your ability to understand from people, from things around you, from situations you face today.

He will take you with courage to where you plan to go. It will heal you from doubt, fear, contempt, humility, dependence and any negative attitudes.

Yesterday, I despised myself and denied myself value. Yesterday I forgot that I could change myself by taking on all the responsibilities of my family.

The reason for this lies in reading.

The book “THE WAY OF WINNERS” by author and teacher Ebenezer Baxter,has reached me.

The comment was made by one of the book’s commentators, Abraham Jaallataa, the first Oromo film writer.

He says,” Rot is for three things. One rots to sprout. One rots to be fertilizer for the one who sprouted. And one,rots to sprout and destroy the seeds that will bear fruit for the future . This book is unique.!”

“Every morning in Africa, the crow wakes up

In Africa the lion always wakes up,he has to be ahead of all her crows running down, or he will starve.

Badhaadhina sammuu tiif dhama’i!

“Badhaadhina qabeenyaa caala;badhaadhina sammuu tiif dhama’i!”

Dubbisaa gaafa taatu, waan hubattu hedduu argatta. Of dandeessee jiraachuu eegalta. Yaadaan bilchaatta. Gahumsa kee argita. Haalonni salphatanii sitti argamu. Waanti si muudatu kamuu simannaa keerratti hundaa’uu eegalu. Of dhiphisuu dhiifta. Waan argatte kamittuu, waan hojjette kamittuu ni gammadda.

Jireenya kee keessatti taateen darbe hunduu barnoota, hubannaa, cimina kee har’aaf immoo utubaa akka ta’e barta. Of too’atta. Namootaa  irraa, waantoota nannoo kee jiran irraa, haalota har’a si qunnaman irraa hubachuuf gahumsa kee cimsa.

Gara itti karoositee deemaa jirtutti, hamileedhaan si imalchiisa. Shakkii, sodaa, tuffii, gad-aantummaa, hirkattummaa fi ilaalchota badaa ta’an kamirraa si fooyyessa.

Har’a garuu ilaalchota koo kaleessa turan kana hundaaf, dogoggoraaf muudannoo koo kaleessa turan maraaf dhiifama godhee ofitti araarameen jireenya bilisa ta’e, gammachuu qabuuf, ofitti gammadaa ta’en jiraachaa jira. Kanaaf sababni immoo dubbisuu keessa jira.

Namni dubbisu hundi hayyuu ta’uu baatus; hayyuun garuu nama dubbisudha!

Kitaabni “DAANDII MO’ATTOOTAA” Jedhu kan barreessaa fi barsiisaa Eebbisaa Baayisaatiin barreeffame,ana biras geessee jirti. Osoodhuman keessa kitaabichaa hin seeniinin waan damma,damma jettu tokko qola Kitaabichaa karaa duubaa irraa argadhe.

Yaadicha kan kenne namoota yaada kitaabichaaf laatan keessaa barreessaa fiilmii Afaan Oromoo jalqabaa kan ta’an Abrahaam Jaallataati.

Akkas jedha,” Tortoruun waa sadiifi. Dubbisaan xaa’oo Eebbisaan har’a eebbifame bor barii ifaan tortoraa biqila. Kitaabni kun addadha.!”

“Afrikaa keessatti ganama yeroo hundaa, qurupheen hirribaa kaati. Leencota keessaa isa hundaa caalaa fiiguu danda’u fiigdee dursuu akka qabdu yaaddi; ta’uu baannaan ni nyaatamti.

Afrikaa keessatti leenci yeroo hundaa hirribaa ka’a,kuruphee ishee hundumaa gad fiigdu dursuu qaba, ta’uu baannaan ni beela’a. Leencas ta’i quruphee sun rakkoo hin qabu. Yeroo aduun baatu garuu daraan fiiguu qabda.!”  

Yeroo Waayee Namaa tokko Nama Isa Kan Biraa waliin yeroo Haasoftu Wantoota kana Beeki:-

↪️  Namni ATI waayee Isaa Dubbachaa jirtu si Bira Hin jiru taanaan Callisii Qofa Dhaggeeffadhu! Waan Baruu Barbaadde yoo inni Eeyyamamaa ta’e Kallattiiman isa faana Dubbadhu!

↪️ Erga Sitti Dubbate Booda Waan Nama Sana Komatuuf malee Waan Galateeffatuuf Hin Qabu Taanan Nama sobaa Akka ta’e Beekii

↪️ Erga Sitti Dubbate hanqina Isaatti Dabalee Jabina isaas Sitti Hin Dubbatu taanan kaayyoonsa hamachuu Akka ta’e Beeki!

↪️Namni isin Waayee Isaa Dubbachaa Jirtan waan fedheen haa ta’u Garuu Waan  Ittiin isin Lamaan Caalu waan qabuuf Akka ta’e beeki!

↪️ Macaafni Qulqulluun Baayyina Haasa’a Keessa Cubbuun Akka Jiru Akka Dubbatu yaadadhu!

↪️ Namni Kun Kanaan Dura ammoo Waayee Kee Nama Kan biraa Faanaas Dubbachaa Akka Ture Beeki!

Nama waan Rakasa …Waan Bu’aa Hin buufne haasa’u Ta’uun Ayyaana Waaqayyo Namatti Hir’isa!
     
Waaqayyo Gooftaan Bara Keessan haa Eebbisu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *