This is the head of your page. Example HTML page This is the body of your page.
HOJII ONLINE

True Love Is Humble

Jaalalli dhugaa obsa, jaalalli garrammiidha,

Jaalalli dhugaa obsa, jaalalli garrammiidha, hinaaffaa hin qabu, sobuu fi fakkeessuu hin qabu, jibbaa hin beeku, oftuulummaa hin qabu, balleessaadhaf dhiifama godhuu beeka, dogoggoraa siif sirreessuu beeka, miira dhugaatin durfama, yeroo hundaa si kunuunsa, yeroo hundaa si eega, yeroo hunda siif amanamaa, si amana, yeroo hunda si abdata, waadaa kee eega, yeroo hunda siif obsa, dogoggora siif sirreessa, balleessitu dhiifama siif godha!

Yeroo tokko tokko kophaa ta’uun gaariidha garuu jireenya kana keessatti guutuu taate argamuuf nama jireenya kee, jaalala kee fi miiraa kee si waliin qooddatu qabaachuun barbaachisadha. Nama fuul-duree kee si waliin jiraachuuf karoora qabu, si waliin jijjiiramuudhaaf, si waliin fooyya’uuf, si waliin guddachuu, guddifachuuf karoora fi abdii qabu qabaachuu si barbaachisa.

Jaalallee qabaachuu dhabuun ykn kophaa ta’uun waa’ee jaalala homaa tokkollee hin beektu jechuu miti, yeroo tokko tokko hariiroo jaalala soba ykn warra fakkeessanii si jaalatanii waliin jiraachuu caalaa kophaa ta’uun gamnummaadha!

Nama hir’ina kee waliin si fudhatu, namni kamiyyuu guutuu fi sirrii ta’e dhalate akka hin jirree kan beeku, nama akka ati jirtuutti si jaalatuu, kan yaada kee siif kabajuu fi miiraa kee siif hubatu irraa jaalalan qabamuun eebbifamuudha.

Yoo jaalattu, yoo jiraattu nama qoosee si kofalchisu waliin jiraadhu malee kan qoosee si boochisu miti, nama si jaalatu malee kan jaalala fakkeessee si miidhu miti, nama fooyya’ina keef si jajjabeessu malee kan gadi si qabu miti, nama si kabaju beeku malee kan si waliin jiraacha si tuffatu miti, nama guddina kee jaalatu malee kan si waliin jiraachaa kufaatii kee hawwu miti!

Gammachuukee haalotaaf hinkenniin! 

Qabeenyi gammachuuf, dhabinsi immoo gaddaaf wabii miti. Gammachuun waan kanaan olii, filannoodha! Yoo feete kunoo, yoo hinfeene immoo kuunnooti.

Filannookee! Eeyyeen, gammachuun qabeenyaan osoo hintaane, matumtisaayyuu qabeenya. Qabeenya eenyu namaaf kennuufi namarraa mulquu hindandeenye- kan dhuunfaaa ofiiti. Abbaan qabeenyaa qabeenya isaan gammachuu jijjiirratee gammadaa hin ta’u, inni harka qal’eessis waanin bitatu dhabee gaddaa hin jiraatu. Jara lamaniifuu, kun sirreeffama sammuu isaaniiti.

Bu’aa ilaalcha isaanii! Eeyyeen, gammaduun dhugaa baatuu fayyaaleessummaa jireenyaati malee, agarsiistuu tuulama qabeenyaa miti. “Kan qabu hundi gammadaa, kan hin qabne baay’eenis of jibbaadha,” jedhanii timaamuun tilmaama ofii haqarraa fageessuudha. Fakkeenyi dubbii tolcha mitiiree? Eeyyeen….
Namicha tokkotu ajaa’ibsiifannaa isaa namoota iddoo tokkotti walitti qabanii jiranitti osoo himuu dhagaahama.

Akkanaan; “Ani yeroon waa’ee warra duuressootaa, duuressoota keessaa immoo warreen akka biyyaafi ardiilee hundaatti (addunyaatti) beekamtii qabanii yaadu waanti jalqaba irratti sammuutti na dhufu, siree isaaniiti. Siree isaanii!” 
Yeroo inni akkas jedhu, namoonni achi jiran hunduu yaadaan gara siree duuressootaa deemuun mil’uu eegaluu hinhafne. Anis, atis osoo achi jiraannee akkanuma ta’uu hinhafnu.

Namoonni sun, siree warqeerraa hojjetamee haala addaan nama hawwatu irraa dureessoota namichi jedhe sana ciibsaa, waan inni jedhu irraa dhagahuutti dharraan isaanii olka’e. Namichi ammas irra deebi’ee, “Sireen duuressootaa baay’ee na ajaa’iba!” jedhe. “Maal isaatu na ajaa’iba seetani? Sirichi qoraatti irraa ijaaramuu isaati! Irra gad hirkatu, garuu hirribni ija isaaniitti hindhufu. Asiifi achi, oliifi gadi osoo gangalatanii irraan barii’a.

Eeyyeen, sireen isaanii qoree irraa ijaarame na ajaa’iba!” yeroo ittiin jedhu, hunduu akka tilmaaman ta’uu waan dideef, gara afaan qabachuutti dachaanii jedhama. 
Amma tilaamuun hinrakkisu! Jarri hirriba malee bulanii guyyaas bututaa oolan kun, gaddamoo gammachuu akka ofitti aanfatan. Osoo akka qabeenyaatii, jara kanatu akka malee gammada ture. Qabeenyi madda gammachuu miti, dhabuunis gaddaaf karaa miti. Asirratti, kan qabaate gammadaa hin ta’u hin jenne. Abbaa qabeenyaa ta’uufi abbaa gammachuu ta’uun adda adda jechaa jirra. Kana ta’uu edda wal hubannee, maddi gammachuus ta’e kan gaddaa yeroo baay’ee filannoo abbbaati. Filannoo! Gammachuu filannookee godhu. Akkas kunoo! Gammachuukee haalotaaf hinkenniin!

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *