This is the head of your page. Example HTML page This is the body of your page.
BARULLEE

The World of Love

Addunyaan keenya lamaan gargari. Ta’us si argadhu gammadeen si dhabu obseen, akkan sin arganne immoo osoon beekuun yaadatti onnee ishee qulqulluu siif rifattu waliin gammadee jiraadha.

Hirribni na didu yaada kootti si fideen, keessi koo na jeeqamu waa’ee kee of fuuldura naqeen tasgabbii yaadni kee naaf kennan keessatti of dagadha.

Namatti tola. Miira dhugaati, yeroo tokko tokko jaalalli haala kamiinuu haqamuu akka hin dandeenyef isa ati yeroo dheeraaf na keessa jiraachaa jirtutu ragaadha.

Hagana hunda jiraadhuuf dhabamuu keetti gaddee, aaree, dhiisee hin beeku.

Yeroo tokko tokko si haqee bakka siif yeroo mara gammachuu keessummeessu sana duuchuuf jecha jechoota tarreesseen qalama kootii waa’ee jibba kee barreessuu yaala. Yaadota hamoo sirraa na fageessuu danda’an of fuuldura naqeen ” uuff xumure. Kana booda narraa fagaatte” jedheen of amansiisa. Yeroo booda atiin miira gammachuu addaatiin bifa haaraatiin, gaarummaa haaraatiin na keessaa burqita. Sababoota sirraa na fageessan hedduu of fuulduraan qaba.

Sun bakka qulqulluu siif qofa kenname sana summeessuu hin dandeenye. Yeroo hunda bakki sun siif hafuura jaalalaa qofa baafatti.

Akkamittin si dhiisa? Addunyaan lamaan keenyaa gargar ta’uu isaa amane. Si jaalachaa jiraachuus amane. Akka golli keenya tokko hin taanes amane. Miira of keessaa si qabaachuun naaf kennu sana garuu dhabee hinbeeku. Sichis hin dhabu. Gammachuun an waa’ee kee qofa yaaduurraa argadhu sunis narraa adda hin bahu.

Yaalee, eegee, dhaggeeffadhee deebiin ani argadhu si jaalachuu koo qofa. Jaalala hedduu faalaa haqee dhiiseera. Kee toora isaanii bu’uu dide. Siif dantaa kee miti. Hinbeektu ta’inna. Anis wajjumaan du’uun filadha malee si beeksisuu hin fedhu. Yoo beekte onnee ishee jaalala qofa siif finiinsitu sana summeessuu dandeessa.

Kanaaf qalbiin koo gaarummaa kee, onneen koo jaalala kee keessa callisanii haa jiraatan.

Ati isa yaadaaf jireenya koo keessatti kunuunfamaa jirtu sana!

Namicha tokkotu bofti tokko osoo ibiddaan gubachaa jiruu arge. Bofa gubachaa jiru kana lubbuu isaa baraaruun qaba jedhee murteessee osoo boficha ibidda keessaa baasaa jiruu, bofichi namicha kana hidde. Namichis lubbuu isaa baraaruuf osoo tattaffatuu bofichi ibidda keessatti deebi’ee kufe.

Namichi kuni gaddee, bofichi kuni ibidda kanatti kan kufe sababuma isaatiin jedhee bitaa fi mirga yeroo ilaalu sibiila dheeraa tokko argatee boficha ibidda keessaa baasee lubbuu isaa baraare.

Yeroo dhimmi kuni hundi ta’u namtichi ilaalaa ture tokko “bofti kuni ati lubbuu isaa baraaruuf ibidda keessaa osoo baasaa jirtu si hiddee maalif ibidda keessaa isaa baafte?” jedhee gaafate. Namichis deebisee “na hidduun isaa kuni amala qoshaashaa bofichaati! amala isaa fokkuu kanaaf jedhee gaarummaa fi gara laafummaan uumamaan qabu hin jijjiiru” jedheen.

Kanaaf, namni tokko na miidhe jettee gaarummaa fi gara laafummaa uumamaan qabdu sana hin jijjiirin. Hammeenya isaa gaarummaadhaan deebisiif.

Sababnis, amalli gaarummaa fi gara laafummaa namoota kabajamoo fi kabaja guddaa namaaf qaban biratti argama waan ta’eef.

Jireenya keenya keessatti namoonni amala bofaa qaban hedduun nu mudachuu danda’u rabbiin summii namoota bofa ta’anii kana irraa nu haa eegu!

Namummaan gaarummaadha!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *