This is the head of your page. Example HTML page This is the body of your page.
HOJII ONLINE

To succeed, love yourself first

Rakkinni ykn qorumsii daandii milkaa’inaati!
𝐑𝐚𝐤𝐤𝐢𝐧𝐚 𝐡𝐢𝐧𝐣𝐢𝐛𝐛𝐢𝐧!

Hadheeffannee arraba jabaan rakkina keenya abaaraa oolla.
Jireenya qannoon guute, kan dadhabbii hinqabne utuu jiraannee dheebonna.

Karaa qaxxaamuraa deemuuf yaalla. Rakkinatu nama jaallata malee namni rakkina jaalatu waan jiru hinfakkaatu.
Dhugaan jiru rakkinni abbaa milkaa’inaati.

Isatu milkaa’ina fida. Utuu dukkanni dhala namaa hinrakkifnee Toomaas Ediisan baalbii hojjechuuf hinyaadu, hinyaalus.
Yaada haaraa keessa isaatii kan maddisiise rakkina. Rakkoo lafa dheeraa deemutu konkolaataa argamsiise.

Rakkinni haaraan furmaata haaraa of keessaa qaba. Kanaaf rakkina hadheeffachuu caalaa furmaata rakkinaa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Rakkinni diina keenya osoo hintaane dorgomaa keenyadha.

Dorgomaa kee mo’achuuf carraaquun gaariidha. Garuu jibbuun hinbarbaachisu. Wallaansoo qabnee rakkina keenya yoo mo’anne jireenya hawwinu jiraanna. Teenyee rakkina abaaruun garuu ofuumaati.

Sitti himuu! Eenyummaa kee daran miidhaksee mul’isuuf iyyuu rakkinni barbaachisaadha. Warqeen morma namaa irraa, isa ibbiddaan qoramee darbeedha. Inni rakkina kana keessa hindarbin ija namaatti bahuuf carraa hinqabu.

Dhalli namaas akkasuma. Bakka guddaa gahuu yoo feete qorumsa keessa darbuun dirqama. Biyyoo keessaa bahee warqeen morma irra akkuma taa’uu, sadarkaa gadii irraa kaatee galma guddaa gahuuf qormaataafi rakkinoota keessa darbitu danuu qabda.

Rakkinni kee daangaa milkaa’ina irraa si ittisu osoo hintaane, riqicha milkaa’inatti si ceesisuudha. Milkaa’inni tolaa hinjiru. Milkaa’uuf rakkinaan qoraafamuun waan jiruudha!

Abdii kutuun Diina milkaa’inaati.

“Abdii kutannaan karaa kufaatiitti geessu isa amansiisaadha!

“Rakkattee osoo hin milkaa’in hafte yoo ta’e, kan si booda milkaa’u dhaloota tokkotu jira;  osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta’e garuu si dura nama rakkatetu ture.”

  〰️Maalifan milkaa’uu dhabee?

  〰️Maalif milkaa’inni ana irraa fagaatee?

  〰️ Maalif kufaatiin natti baay’atee? Jettee Komii ofii kee irratti nama irrattii fi waaqayyo irratti hin kaasin!

Wantonni jireenya dhalaa nama jijjiiruu danda’an hedduun galma hin ga’iin kan hafan abdii kutannaa dhala nama irraa kan ka’edha.

Namni mo’u abdii hin kutatu, namni abdii kutatu immoo hin mo’u….!

↪️ Yoo ofii kee rakkattee,  dadhabdee milkaa’uu baatte,  rakkina kee kanatti ilmi kee,  dhaloonni si boodaa milkaa’uu danda’a.

↪️ Ilaali rakkina kee har’aa kana ilaaltee abdii hin kutin!

Diinni milkaa’inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du’aatti yoo ta’e iyyuu cichii jabeessii itti fufi!

Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.

Dhaloonni si boodaa “rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har’a bu’aa isaa jiraanna” siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.

↪️ Hammuma kufaatiin sitti baay’atu milkaa’ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!

↪️ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa’ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha.

↪️ Imala gara milkaa’inaatti deemuu kee,  karaa milkaa’inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha.

↪️ Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta’e,  jabaadhu ati karaa milkaa’naa irra jirtaati.
Garuu hamma yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta’e ati milkaa’ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha.

↪️Namni osoo hin kufin milkaa’e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan milkaa’e dha.

↪️ Kufaatiin hammuma si mudachaa deemu; ofitti amanamummaa kee cimsaa,  waan darbe irraa barachaa,  karaa kaleessa irratti kufte irra akka hin deddeebine hubachaa,  karaan biraa akka jiru xiinxalaa akka deemtu si gargaara.

↪️Kanaaf kufaatii hin jibbiin kufaatiin daandii milkaa’inaa ti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *